Get Mystery Box with random crypto!

Nuuralhudaa

Telegram kanalining logotibi nuuralhudaa1 — Nuuralhudaa N
Telegram kanalining logotibi nuuralhudaa1 — Nuuralhudaa
Kanal manzili: @nuuralhudaa1
Toifalar: Din
Til: Oʻzbek tili
Obunachilar: 21.30K
Kanalning ta’rifi

Soora Qalbii Muslimaa

Ratings & Reviews

4.67

3 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

2

4 stars

1

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

0


Oxirgi xabar 39

2022-07-18 10:52:01 Amala ergamaan Rabbii Muhammadﷺ qabu keessaa beekkamaan garalaafina. Waan namni hin dandeenyetti nama hin ajaju. “Laaffisaa, hin jabeessinaa” ja’anii dhaaman. Nabiin keenya sirni badaan cabee gabri akka bilisoomu, rakkataan akka gargaaramu gorse. “Ummataaf jiraate!”, waan ummata cinqaa dura dhaabbataa turan. Gaafa haalli ulfaataan tokko hawaasa qabe, Nabiin humna qabu hundaan furuuf tattaaffata. Osoo nama hundaaf bal’attee, osoo namni hundi amanee hawwa. Abadan warra haqa hordofetti garaa hin jabaatu. Haala ergamaa Isaa kana Rabbiin Qur’aana Suuraa Tawbaa Aayata 128 irratti haala kanaan ibse..
*لَقَدْ جَاءَكُمْ رَسُولٌ مِّنْ أَنفُسِكُمْ عَزِيزٌ عَلَيْهِ مَا عَنِتُّمْ حَرِيصٌ عَلَيْكُم بِالْمُؤْمِنِينَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ*
*Dhugatti, ergamaan isinirraa tahe, kan rakkinni keessan Isarratti jabaatu, kan isiniif bololu(amantanii haqa akka hordoftan gaabbu), Mu’minootaaf ammoo mararfataa, Rahmata godhaa tahe isintti dhufe.”
#JirraYaaErgamaaRabbii
1.4K viewsTU, 07:52
Ochish/sharhlash
2022-07-17 21:51:01 "Nama du'e hin arrabsinaa. Isaan waan dabarsanitti gahan."
Nabi Muhammadﷺ
[Bukhaarii : 1393]
- Akkuma nama jiruu, nama du'e hamachuufi arrabsuunis hin tahu. Isaan ganda haqaa dhaqan, galata waan hojjatanii qunnaman.
*لا تَسُبُّوا الأمْوَاتَ، فإنَّهُمْ قدْ أفْضَوْا إلى ما قَدَّمُوا.*
الراوي : عائشة أم المؤمنين.
1.7K viewsTU, 18:51
Ochish/sharhlash
2022-07-17 16:01:40 Maaltu Islaamummaa siif dursa? Gandummaafi gosummaa dura ati Muslima. Kaayyoon ati uumamteef Rabbi gabbaruufi. Isa dhabama irraa si uume, Isa hiree tee harkaa qabu, Isa boru fuula Isaa dura dhaabbatuuf jirtuuf bitami. Muslimaaf Islaama wanni dursaa hin jirtu. Kana qabatamaan yeroo Hajjii garra. Hedduun garru kun ejjannoo Tokkoon manaa bahee, uffata Tokko kaayatee, jecha Tokkoon karaa bu’ee, miira Tokkoon walitti dhufee, Qiblaa Tokkotti deebi’ee, ergamaa Tokko hordofee, bakka Tokkoo Rabbii Tokko kadhata. Kaayyoon isaanitis Tokko, hundi jaalala Rabbii fi Jannata barbaada. Tokkumaan kana caale jiraa?
2.0K viewsTU, 13:01
Ochish/sharhlash
2022-07-17 13:00:27 Rabbiin guddaan jireenya ergamaa Isaa Nabi Muhammadiinﷺ kakate. Nabi Muhammad qofa, Rabbiin jireenya nama tokkootin hin kakanne. Qur’aana Suuraa al Hijr Aayata 72 irratti akkana ja’e..
*لَعَمْرُكَ إِنَّهُمْ لَفِي سَكْرَتِهِمْ يَعْمَهُونَ*
“(Yaa Muhammad) jireenya keetitti kakadhe. (Warri Qureyshii kun) dhugatti isaan machii isaanii keessa dhama’an.”
Nabi Muhammad malee, Abbaa keenya Aadam irraa kaasee hanga Nabi Iisaatti ergamtoota jiran hundaan Rabbiin hin kakanne. Kuni fiixee sadarkaati, kabajaadha. Kuni badhaasa namni tokkolleen hin argatini, milkaa’ina. Akka itti uume waan beekuuf uumama isaa hunda caalchise.
#JirraYaaErgamaaRabbii
1.8K viewsTU, 10:00
Ochish/sharhlash
2022-07-17 12:49:47 Namtichi kun Muslimoota hunda kiristaana godhuuf qorannoo jabduu eegale. saniif ammoo Qur'aana baruun dirqama isaati. eega qor'aana baruu eegalee booda dubbiin jijjiiramte. Islaamummaan amantii haqaa tahuu hubatee amane. INSTANT VIEW tuqaa barruu guutuu dubbisaa https://blog.nuuralhudaa.com/kaayyoon-kiyya-muslimoota-hunda-kiristaana-godhuu-ture-b55b845afb26
1.6K viewsTU, 09:49
Ochish/sharhlash
2022-07-17 10:46:33 "Namni ollaan isaa hamtuu isaarraa nagaya hin tahin Wallaahi hin amanne, Wallaahi hin amanne, Wallaahi hin amanne."
Nabi Muhammadﷺ
[Bukhaarii : 6016]
- Namni haqa ollaa hin eegne Iimaana guutuu hin qabu. Namni ollaa isaa rakkisu Jannata hin seenu.
*واللَّهِ لا يُؤْمِنُ، واللَّهِ لا يُؤْمِنُ، واللَّهِ لا يُؤْمِنُ. قيلَ: ومَن يا رَسولَ اللَّهِ؟ قالَ: الذي لا يَأْمَنُ جارُهُ بَوايِقَهُ.*
الراوي : أبو شريح العدوي خويلد بن عمرو.
1.6K viewsTU, 07:46
Ochish/sharhlash
2022-07-17 10:20:17 Waan nuti quba hin qabne kan nu booda dalagamaa nu jiraachisu kana tafakkurtanii beeytuu? Isin keessaa namni itti yaadee “ amma sa’aa kanarraa eegalee harganuu qaba” jedhee harganee beeku jiraa laata? Dalgaan Ajaa’ibaa kan jireenya keenyaaf akkaan barbaachisaa tahe kun, osoo nuti quba hin qabne dalagama. Qaamni keenya harganuudhaaf hayyama nurraa hin barbaadu. Sammuufi Lubbuun teenyas sirna hargansuu kana toohachuu hin danda’an. Kun badhaasa addaati. INSTANT VIEW tuqaa barruu guutuu dubbisaa https://blog.nuuralhudaa.com/sirna-hargansuu-ilma-namaa-bd297ca9615e
1.7K viewsTU, 07:20
Ochish/sharhlash
2022-07-16 15:27:35 Qaama ofii jijjiiruun hayyamamaa? (Plastic Surgery) Fataawaa Nuuralhudaa - Sheikh Alii jimmaa


2.2K viewsTU, 12:27
Ochish/sharhlash
2022-07-16 11:38:55 Gammachuun maaliin ibsama? Haaluma ilma namaatiin gammachuun garaagarummaa qaba. Namni tokko tokko jireenyi magaalaa isa gammachiisa. Gariin ammoo baadiyaa jiraatuu filata. Kuun mallaqa yoo argate waan gammadu seha. Inni mallaqa dhabe ammoo jireenya gaddaa waan jiraatu itti fakkaata. Walumaa galatti akkaataan gammachuun itti ibsamu garaagarummaa qaba. Dhaabbata mootummoota gamtoomanitti gareen hawaasummaa tokko qorannoo wagga waggaan geggeessee akka ibsetti, bara 2019 keessatti gammachuun namaa xiqqaachaa jira jedhe. Guddinni addunyaa dabalaa deemus, gammachuun namootaa garuu xiqqaachaa jira. barruu tana keessattis waa’ee biyyoota gammachuu qabanii muraasa isinii dhiheessina. https://blog.nuuralhudaa.com/biyyoota-gammachuu-ajaaibaa-keessa-jiraatan-90817bfe065b
2.3K viewsTU, 08:38
Ochish/sharhlash
2022-07-15 12:03:36 Avoset Shimbira bishaan keessaa jedhamee waamama. Sababni isaatis yeroo qilleensa gubbaa barrisu yoo taate malee, hedduminaan bishaan keessatti dabarsa. Rabbiin guddaan uumaan uumama hundaa, qubbeen isaa jiddu gogaa adda dhifamu kenneef. Miila Ajaa’ibaa kanaan lafa dhoqqeefi cirrachaa keessas rakkoo takka malee deemuu danda’a. Miilli isaa dhoqqeefi cirracha keessas akka gad hin seenne, gogaa qubbiin isaa jiddutti argamu kanatu dhoorga. Dabalataan allaattiin kun ija ajaa’ibaa badhaafamee jira. Ijji isaa bishaan keessattis haala gaariin waa arguu dandeetti. waa'ee uumama kanaa INSTANT VIEW tuqaa dubbisaa. https://blog.nuuralhudaa.com/shimbira-bishaanii-avocet-11d38d8bf04e
2.7K viewsTU, 09:03
Ochish/sharhlash