Get Mystery Box with random crypto!

Rabbiin guddaan jireenya ergamaa Isaa Nabi Muhammadiinﷺ kakate | Nuuralhudaa

Rabbiin guddaan jireenya ergamaa Isaa Nabi Muhammadiinﷺ kakate. Nabi Muhammad qofa, Rabbiin jireenya nama tokkootin hin kakanne. Qur’aana Suuraa al Hijr Aayata 72 irratti akkana ja’e..
*لَعَمْرُكَ إِنَّهُمْ لَفِي سَكْرَتِهِمْ يَعْمَهُونَ*
“(Yaa Muhammad) jireenya keetitti kakadhe. (Warri Qureyshii kun) dhugatti isaan machii isaanii keessa dhama’an.”
Nabi Muhammad malee, Abbaa keenya Aadam irraa kaasee hanga Nabi Iisaatti ergamtoota jiran hundaan Rabbiin hin kakanne. Kuni fiixee sadarkaati, kabajaadha. Kuni badhaasa namni tokkolleen hin argatini, milkaa’ina. Akka itti uume waan beekuuf uumama isaa hunda caalchise.
#JirraYaaErgamaaRabbii