Get Mystery Box with random crypto!

Maaltu Islaamummaa siif dursa? Gandummaafi gosummaa dura ati M | Nuuralhudaa

Maaltu Islaamummaa siif dursa? Gandummaafi gosummaa dura ati Muslima. Kaayyoon ati uumamteef Rabbi gabbaruufi. Isa dhabama irraa si uume, Isa hiree tee harkaa qabu, Isa boru fuula Isaa dura dhaabbatuuf jirtuuf bitami. Muslimaaf Islaama wanni dursaa hin jirtu. Kana qabatamaan yeroo Hajjii garra. Hedduun garru kun ejjannoo Tokkoon manaa bahee, uffata Tokko kaayatee, jecha Tokkoon karaa bu’ee, miira Tokkoon walitti dhufee, Qiblaa Tokkotti deebi’ee, ergamaa Tokko hordofee, bakka Tokkoo Rabbii Tokko kadhata. Kaayyoon isaanitis Tokko, hundi jaalala Rabbii fi Jannata barbaada. Tokkumaan kana caale jiraa?