Get Mystery Box with random crypto!

Amala ergamaan Rabbii Muhammadﷺ qabu keessaa beekkamaan garala | Nuuralhudaa

Amala ergamaan Rabbii Muhammadﷺ qabu keessaa beekkamaan garalaafina. Waan namni hin dandeenyetti nama hin ajaju. “Laaffisaa, hin jabeessinaa” ja’anii dhaaman. Nabiin keenya sirni badaan cabee gabri akka bilisoomu, rakkataan akka gargaaramu gorse. “Ummataaf jiraate!”, waan ummata cinqaa dura dhaabbataa turan. Gaafa haalli ulfaataan tokko hawaasa qabe, Nabiin humna qabu hundaan furuuf tattaaffata. Osoo nama hundaaf bal’attee, osoo namni hundi amanee hawwa. Abadan warra haqa hordofetti garaa hin jabaatu. Haala ergamaa Isaa kana Rabbiin Qur’aana Suuraa Tawbaa Aayata 128 irratti haala kanaan ibse..
*لَقَدْ جَاءَكُمْ رَسُولٌ مِّنْ أَنفُسِكُمْ عَزِيزٌ عَلَيْهِ مَا عَنِتُّمْ حَرِيصٌ عَلَيْكُم بِالْمُؤْمِنِينَ رَءُوفٌ رَّحِيمٌ*
*Dhugatti, ergamaan isinirraa tahe, kan rakkinni keessan Isarratti jabaatu, kan isiniif bololu(amantanii haqa akka hordoftan gaabbu), Mu’minootaaf ammoo mararfataa, Rahmata godhaa tahe isintti dhufe.”
#JirraYaaErgamaaRabbii