2020-09-28 21:14:10
HUKMII(MURTII) IRREECHAA
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu, Kabajamtootaa fi jaalatamtoota obboloota koo!!!
Mee harra mata duree IRREECHA jettu tana gad fageenyaan haa ilaalluu!!
Ummanni Oromoo ummata seenaa fi aadaa dansaa qabu akkasumas amantiilee garagaraà hordofudha. Amantiilee kanneen keessaas ayyaanota garagaraatu jira. Akkuma muslimoonni #Iidal_fixrii fi #iidal_adhaa kabajnu, kiristaanonnis #Qillee_cuuphaa_fannoo_fi kkfn kabaju. Warri waaqeffattootaas akkasuma IRREECHAA fi ateetee faa kabajatu.
Namoonni tokko tokko garuu akka waan irreechi amantiin wal hin qabannee fakkeessuun namoota hubannoo hin qqbne gowwoomsu. Warri biraan immoo irreechi ayyaana waaqeeffattootaa ta'uu beekanis garuu dhimma siyaasa ummata Oromoo kana bu'ura godhachuun , IRREECHA kan dhaqnuuf ayyaanicha kabajuuf otoo hin taane sagalee dhageessifachuu fi aadaa saba kanaa muldhifachuufi jedhanii dubbii tana xiqqeessanii bira darbuu yaalu.
OBBOLOOTA KOO
Dhugaa dubbachuuf ayyaana IRREECHAA irratti ummanni Oromoo kallattii mararraa waan burqanii dhufaniif , sabni kun gaddaa fi gammachuu qabu sagalee tokkoon dhageessifachuu danda'u ta'a. Kunis bu'aa siyaasaa buusu qabaachuu mala. Garuu nuti muslimoonni rakkoo keenya kan itti himannu #Rabbii tokkichatti fi akkaataa inni jaalatuun malee bakkaa fi akkaataa Rabbiin nurraa hin jaalanneen deemnee bilisummaan argannu bilisummaadha moo gabrummaadhaa!!!! . Kana isinumaaf dhiiseen irreechi shirkii ta'uu isaa fatwaa sheeka sheekkotaa sheek #Aadam_Tuulaa isin biraan gaha!!!
Abbaan Ulamaa'ii Muftii Sheikh Aadam Tuulaa dhimma IRREECHAA irratti maal jedhan??????
Irreechi Shirkiidhaa ??
Waggaa tokko dura Magaalaa Aawwadaay Masjiida guddaadhatti Sheekha sheekhoota hundaa Muftii Sheikh Aadam Tuulaatiif gaafii hedduutu dhiyaate. Gaafiilee isaaf dhiyaatte jidduu Irreechi qaphxii 1ffaarratti argama!
Gaafii 1ffaa, Irreechi Aada moo Amantii dha?
Gaafii tana Sheekhni kenya "Rabbiin sabaa fi gosa adda addaa godheetiin isin uume ja'a. Garuu irra caalaan namaa, nama Rabbi sodaatu" ja'ee deebiseef.
2ffaa, Namni Irreecha dhaqe Hukmiin isaa maali ??
Ja'amee gaafatamnaan: Muslimni osoo beekuu Irreecha dhaqe kafaree (amantiirraa bahee) jira, dafee Shahaadaa jachuu qaba ja'ee deebise!
3ffaa, Namni nama tokko gargaaree Irreechatti erge hoo ??
Jannaan: "Rabbiin hamtuurraa waldhoorkaa, gaariitti wal ajajaa ja'a. Kanaaf namni kun dilaawee jira. Dafee toowbachuu qaba" ja'een.
4ffaa, Sheekkan jaalala namaa barbaaduuf jacha "waa'ee Irreechaa" hin dubbanne yoo ??
Jannaan: "yaroof namni isa jaalatuus, booda Rabbiin nama hunda isa jibbisiisa" ja'ee deebiseef.
Dhumarratti Sheekhni kenya akkana ja'e:
"gargaarsa Rabbiitiin, gabrummaa duraan dhamdhamaa turrerraa bilisoomneerra. Garuu ammaas yoo waan Rabbiin hin jaalanne hojjanne, Rabbiin gabrummaa tan duraatirra hamtuutti nudeebisa. Rabbi sodaadhaa" ja'eeti dhaammate!!!
Ulamaa'iin tenya Rakkina Miidiyaatiif sagaleen isaanii dhagayamuu dhabde. Harra hukmiii kan nuuf kennu aktiivistoota fi weellistoota, akkasumas gaazexeessitoota ta'ee jira. Warri siyaasaa tapha siyaasa isaanii injifachuuf jecha guyyaa guyyaan ajandaa nuuf uumu. Kanaaf dhimma amantii keenyaa irratti fatwaa kan nuuf kennu #Ulamaaii teenya ta'uu qaba.
Ergaa kana obboloota keessaniif share godhaa Jzk!!!
@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
43 viewsAbdii Biyyaa, 18:14