Get Mystery Box with random crypto!

🧕🧕ADLI TUBE 👳👳

Telegram kanalining logotibi ifaa_addunyaa — 🧕🧕ADLI TUBE 👳👳 A
Telegram kanalining logotibi ifaa_addunyaa — 🧕🧕ADLI TUBE 👳👳
Kanal manzili: @ifaa_addunyaa
Toifalar: Kattalashtirilmagan
Til: Oʻzbek tili
Mamlakat: Oʻzbekiston
Obunachilar: 96
Kanalning ta’rifi

✔SEENAA SAHABOTA
✔ DAWAALEE GAGGABABO
✔ HADIISA
✔NASHIIDA HARAWA
✔TAFSIIRA QURANA
✔JECHOOTA GAGGARI
✔ISIN BIRAAN GENYA INSHA ALLAH ISIN CHANNEL KENYA OBBOLEWWAN KEESSANIF SHARE GODHA JZK..
@oromia_nation YAADAF @oromo_arsiibot
JOIN GODHA.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


Oxirgi xabar 4

2020-10-27 00:37:52
ሰላም AbdurhemanIbnukedir Welcome to Ride Birr!
ሰዎችን በመጋበዝ በCBE birr
ወይም Mobile Card ገንዘብ መስራት ይችላሉ!
የRide Official ቻናል ''JOIN'' የሚለውን በመንካት እና በመቀላቀል የRide ቤተሰብ ይሁኑ!
41 viewsAbdurhemanIbnukedir, 21:37
Ochish/sharhlash
2020-10-13 18:22:41 Aswrwb akkam. Jirtu Kabajamtoota fi jalatamoota hordoftoota chaanaalii #Al_Ukhuwa_Tube baga gammaddan guyyaa har’a dorgommii suuraa Muslimaa qabannee isiniif dhufnee jirra dorgomicha kan injifateef badhaasa qabna Kanaafuu hirmaachuu kan barbaaddaniif @Abdikedbot irratti galmaa'u dandeessu hubachiisa dorgomichi yeroo muraasaf kan turu waan ta’eef ammuma galmaa’an affeerraa keenya......... channaliin dorgomichi irratti gaggeeffamuu @Ifaa_Addunyaa t.me/Ifaa_Addunyaa
39 viewsAbdurhemanIbnukedir, 15:22
Ochish/sharhlash
2020-10-04 12:07:02
40 viewsNaanat abdalla, 09:07
Ochish/sharhlash
2020-09-28 21:14:10 HUKMII(MURTII) IRREECHAA

Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu, Kabajamtootaa fi jaalatamtoota obboloota koo!!!

Mee harra mata duree IRREECHA jettu tana gad fageenyaan haa ilaalluu!!

Ummanni Oromoo ummata seenaa fi aadaa dansaa qabu akkasumas amantiilee garagaraà hordofudha. Amantiilee kanneen keessaas ayyaanota garagaraatu jira. Akkuma muslimoonni #Iidal_fixrii fi #iidal_adhaa kabajnu, kiristaanonnis #Qillee_cuuphaa_fannoo_fi kkfn kabaju. Warri waaqeffattootaas akkasuma IRREECHAA fi ateetee faa kabajatu.

Namoonni tokko tokko garuu akka waan irreechi amantiin wal hin qabannee fakkeessuun namoota hubannoo hin qqbne gowwoomsu. Warri biraan immoo irreechi ayyaana waaqeeffattootaa ta'uu beekanis garuu dhimma siyaasa ummata Oromoo kana bu'ura godhachuun , IRREECHA kan dhaqnuuf ayyaanicha kabajuuf otoo hin taane sagalee dhageessifachuu fi aadaa saba kanaa muldhifachuufi jedhanii dubbii tana xiqqeessanii bira darbuu yaalu.

OBBOLOOTA KOO

Dhugaa dubbachuuf ayyaana IRREECHAA irratti ummanni Oromoo kallattii mararraa waan burqanii dhufaniif , sabni kun gaddaa fi gammachuu qabu sagalee tokkoon dhageessifachuu danda'u ta'a. Kunis bu'aa siyaasaa buusu qabaachuu mala. Garuu nuti muslimoonni rakkoo keenya kan itti himannu #Rabbii tokkichatti fi akkaataa inni jaalatuun malee bakkaa fi akkaataa Rabbiin nurraa hin jaalanneen deemnee bilisummaan argannu bilisummaadha moo gabrummaadhaa!!!! . Kana isinumaaf dhiiseen irreechi shirkii ta'uu isaa fatwaa sheeka sheekkotaa sheek #Aadam_Tuulaa isin biraan gaha!!!

Abbaan Ulamaa'ii Muftii Sheikh Aadam Tuulaa dhimma IRREECHAA irratti maal jedhan??????

Irreechi Shirkiidhaa ??

Waggaa tokko dura Magaalaa Aawwadaay Masjiida guddaadhatti Sheekha sheekhoota hundaa Muftii Sheikh Aadam Tuulaatiif gaafii hedduutu dhiyaate. Gaafiilee isaaf dhiyaatte jidduu Irreechi qaphxii 1ffaarratti argama!

Gaafii 1ffaa, Irreechi Aada moo Amantii dha?
Gaafii tana Sheekhni kenya "Rabbiin sabaa fi gosa adda addaa godheetiin isin uume ja'a. Garuu irra caalaan namaa, nama Rabbi sodaatu" ja'ee deebiseef.

2ffaa, Namni Irreecha dhaqe Hukmiin isaa maali ??
Ja'amee gaafatamnaan: Muslimni osoo beekuu Irreecha dhaqe kafaree (amantiirraa bahee) jira, dafee Shahaadaa jachuu qaba ja'ee deebise!

3ffaa, Namni nama tokko gargaaree Irreechatti erge hoo ??
Jannaan: "Rabbiin hamtuurraa waldhoorkaa, gaariitti wal ajajaa ja'a. Kanaaf namni kun dilaawee jira. Dafee toowbachuu qaba" ja'een.

4ffaa, Sheekkan jaalala namaa barbaaduuf jacha "waa'ee Irreechaa" hin dubbanne yoo ??
Jannaan: "yaroof namni isa jaalatuus, booda Rabbiin nama hunda isa jibbisiisa" ja'ee deebiseef.

Dhumarratti Sheekhni kenya akkana ja'e:
"gargaarsa Rabbiitiin, gabrummaa duraan dhamdhamaa turrerraa bilisoomneerra. Garuu ammaas yoo waan Rabbiin hin jaalanne hojjanne, Rabbiin gabrummaa tan duraatirra hamtuutti nudeebisa. Rabbi sodaadhaa" ja'eeti dhaammate!!!

Ulamaa'iin tenya Rakkina Miidiyaatiif sagaleen isaanii dhagayamuu dhabde. Harra hukmiii kan nuuf kennu aktiivistoota fi weellistoota, akkasumas gaazexeessitoota ta'ee jira. Warri siyaasaa tapha siyaasa isaanii injifachuuf jecha guyyaa guyyaan ajandaa nuuf uumu. Kanaaf dhimma amantii keenyaa irratti fatwaa kan nuuf kennu #Ulamaaii teenya ta'uu qaba.
Ergaa kana obboloota keessaniif share godhaa Jzk!!!
@Kennaapost @Kennaapost
T.me/Kennaapost
43 viewsAbdii Biyyaa, 18:14
Ochish/sharhlash
2020-09-27 22:26:06
NAMOOMA ILMA NAMAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••
by Abdulaziz Ahmeddiin

Namni nama erga ta'ee
Maal goota wanta biraa
Namooma godhee uume
Rabbi mootiin hundarraa
Namummaa qofa ilaali
Wanti biraa ni dabra!!!!!

Horii namatu madaqse
Ofitti qabee amalaan
Innuu fiixeensumadha
Ni bada xiqqoo bullaan

Biftisoo ni jijjiirama
Akka harraatti hin turuu
Bor oollaan iftaan adda
Kan amma yoos hin jiru

Namni kan jaalatamuuf
Haalaa fi amala isaatii
Tooftaa jiruufi jireenyaa
Haala adeemsa isaati
Hidhannoo hawaasummaa
Ammas gama Rabbiitti
Kanatu waliin tura
Hamma guyyaa dhumaatti!!

Nama kamuu jaalannaan
Bifaa fi sanyii hin laalinaa
Dinagdee isa harkaaf
Jechaan hin sobaminaa
Dhabaa fi dhaabbata isaa
Kanaan hin madaalinaa
Namooma isaa ilaalaa
Murteessaan isa kanaa!!!!!
@Kennaapost @Kennaapost
31 viewsAbdii Biyyaa, 19:26
Ochish/sharhlash
2020-09-21 18:17:54 FAYYAADHAAN............ 6. Dhukkuba cittoo (Scabies)
KA’UMSA
 Cittoon ilbisa xiqqoo ijaan hin mulla’anne Sarcoptes scabiei jedhamtuun kan dhufu dha.
 Ilbisi kun miila saddeet kan qabdu yoo taatu, erga gogaa namaa irra qubattee booda, gogaa namaa gadi qotuudhaan boolla uummattee keessatti hanqaaquu buusuudhaan wal horuu eegalti, achumaanis mallattoo argisiisuu eegalti.
 Cittoon qaama namaa keessaa bakka jallaattu qabdi, isaanis: quba gidduu, bobaa jala, naannoo buusaa barruu harkaa, ciqilee, faana miillaa, naannoo harmaa, naannoo qaama saalaa dhiiraa, teessuma fi jilba fa’i.
MALLATTOO
 Garmalee hooksisuu, hooksisuun kun guyyaa caalaa halkan kan hammaatuudha.
 Madaan xixiqqoo gogaa irraa xiqqoo olkaatu, keessumaa yoo ciminaan kan hooqan ta’e haga dhiiguutti deemtu.
 Mallattoon dhukkuba cittoo kun namoota dhukkuba dabalataa akka HIV/AIDs qaban irratti baay’ee kan hammaattuudha.
 Erga gogaan namaa sababa cittoo kanaan miidhamee madaa’ee booda, baakteeriyaan adda addaa kan duraan gogaa uranii seenuu hin dandeenye, carraa uumameef kanatti fayyadamuudhaan nama hubuu malu. Yeroo kana gogaan haga malaa (pus) yaa’uutti madaa’uu danda’a.
DADDARBIINSA
 Waltuttuqqaa nama dhukkuba kanaan qabame fi nama fayyaa yoo ta’u.
 Uffataa (keessumaa uffata kan qaamatti aanu) yoo kan namoota dhukkuba kana qaban waliin kan qooddatan ta’eedha.
YAALA FI ITTISA
 Cittoon qorichaan (qoricha qaama hubametti dibatamuun) kan guutummaatti fayya.
 Kanaaf akkuma mallattoo kana ofirratti arganiin, mana yaalaa deemanii qoricha fudhachuun dirqama.
 Uffata qaamaa fi uffata siree ciisicha namni cittoodhaan qabame fayyadame hunda altakkaa saamunaadhaan sirriitti miicuu, achiis sirriitti akka goguuf aduutti baasuu.
 Waantoota miicamuu hin dandeenye ammoo plaastika keessa kaa’uudhaan bakka namni hin geenye tirban muraasaaf tursiisuudha. Kunis jarmootni cittoo fidan kun beela’anii waan du’aniifi dha.
Fayyaan Faaya T.ME/OROMIA_NATION
35 viewsAbdurhemanIbnukedir, 15:17
Ochish/sharhlash
2020-09-21 08:29:29 FAYYAADHAAN............ 5.... Sammuun dhiphachuu (Stress) MO'ACHUUF:
****************
1. HAWAASA KEESSA JIRAATTUUF BU'AA BUUSI.
Namoota naannoo keetti argaman gargaaruu fi jireenya isaanii jijjiiruun ga'ee ati addunyaa kana keessatti qabdu sitti argisiisa. Jijjiiramuu,
gargaaramuu fi fayyadamuu ollaakeetii, hawaasa keetiif sababa yoontaatu, ofiikeetti gammadda.

2. FAYYUMMAA QAAMA KEETIIF OF EEGGADHU.
Rakkoon sammuu fi miidhamni qaamaa kunneenii yeroo baay'ee walitti hidhata. Kanaaf ispoortii hojjachuu, nyaata sirriitti nyaachuu, muuziqaa jaallattu dhaggeeffachuu fi waliin shubbisuu, haga dandeessetti fayyummaa qaama keetii eeggachuun sammuu kee nagaa taasisa.

3. WAANTOTA SI DHIPHISAN ADDA BAASII BEEKI.
Yeroo tokko tokko akkasumaan utuu dhiphatanii namoonni waan isaan dhiphose garuu adda baasanii hin beekne ni jiru. Wantoota nu dhiphisan kana keessaa garuu gariin isaanii kan dhabamsiisuu (avoid gochuu) dandeenyudha. Kanaaf adda bafaachuun dirqama. Kanneen qaama jireenyaa keenyaa taa'aniifi dhabamsiisuun hin dandahamnes yoo ta'e immoo dursinee itti qophaa'uu fi to'achuun beekuun furmaata.

4. NAMA WALIIN WALITTI DHUFEENYA QABAADHU.
Namni qofaa jiraatuu fi yeroo gammaduuf gaddu nama waliin haasa'u hin qabne carraan rakkoo sammuun dhiphachuu qabaachuu isaa olka'aadha.

5. FEDHIIKEE NAMOOTA MURAASATTI HIMADHU KAN ISAANIIS DHAGGEEFFADHU. Kunis namootni fedhii siin walfakkaataa qaban
akka jiran sitti argisiisuudhaan qaama hawaasaa akka taate sii mirkaneessa. Namoonni akka keetii akka jiran sii mul'isa. Qaama hawaasaa ta'uun ammoo dhiphina sammuu hedduu namarraa ittisa.

6. BOQODHU.
Hammam hojiin yoo sitti baayyate illeenboqochuuf yeroo qabaadhu. Yeroo hirribaa akka salphaatti ilaaltee ofirraa hin hanqisiin. Hirribni gahaan fayyummaa sammuu irratti gahee guddaabqaba.

7. WAAN KEESSA JIRTU SIRRIITTI HUBADHU. Yeroo baay'ee namoonni dogoggora yeroo darbee yaaduufi rakkoo fuulduratti itti dhufutti yaadda'uu malee waan amma kana keessa jiran hin yaadan, hin yaadatanis. Waa'ee guyyaa har'a keessa oollee, waa'ee aduu har'a baatee dhiitee, waa'ee waan harra hojjechaa oollee yoo yaadne miidhama keenya nuuf hir'isa.

8. WAAN HAARAA HOJJACHUU YKN BARUU YAALI.
Yireenya kee keessatti yoo waan haaraa bartu yokaan hojjattu, jireenyi kee irra deddeebii ta'ee sin nuffisiisu. Miirri fiixa ba'umsaa, mo'ichaa, gammachuu fi ofitti amanamummaa waan haaraa baruu keessaan argamu.

9. GARGAARSA GAAFACHUUF DUUBATTI HIN JEDHIIN.
Namoonni hedduun gargaarsa gaafachuun mallattoo mo'amuu yokaan kufaatii, dadhabina itti fakkaata. Kun tasumaa dhugaa miti. Kanaaf rakkina kam keessattillee gammachuudhaan gargaarsa gaafachuun mo'amuu osoo hin taane injifachuudha. Rakkoo sammuun dhiphachuu kana illee taanaan gargaarsa gorsaa gaafachuun furmaata guddadha.
***********
Fayyaan faaya t.me/oromia_nation
31 viewsAbdurhemanIbnukedir, 05:29
Ochish/sharhlash
2020-09-20 15:53:41 FAYYAADHAAN....... ...4.... Furmaanni Forforii Rifeensaa (Dandruff) maali?
**************
MALLATTOOLEE
● Rifeensa mataa keessa waanti akka daakuu harca'auu (keessumaa yoo harkaan haxaa'an ykn filtuu mataan filatan)
● Yoo xiqqoo sanarra jabaate ammoo garmalee hooksisuu fi waan akka qolaa hatca'uu fa'i.
**
KA'UMSA
● Ka'umsi foriforii fangasii 'Malassezia furfur' jedhamtuun akka namatti dhufu amanama.
● Foroforiin dhukkuba gogaa kamiyyuu caalaa hawaasa keesatti argama.
● Keessumatti ammoo umurii waggaa 14 haga 30 kan namoota rakkisuudha.
****
FURMAATA
1. Shaampoo qabiyyee farra fangasii of keessaa qabuun rifeensa ofii haga foriforiin kun rifeensa irraa badutti dhiqachuudha.
2. Qorichoonni dabalataa akkuma cimina foriforii nama qabe sanaatti ogeessa fayyaan kennama.
3. Foriforiin takkaa erga rifeensa irraa badee booda namatti deebi'uunsaa hin hafu. Kanaaf erga namarraa badee boodas giddu giduutti (fkf torbanitti altakkaa) shaampoo farra fangasii of keessaa qabu kanaan rifeensa dhiqachuudha.T.ME/OROMIA_NATION
28 viewsAbdurhemanIbnukedir, 12:53
Ochish/sharhlash
2020-09-19 22:06:17 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @islamicpr qunnamaa!!
32 viewsAbdii Biyyaa, 19:06
Ochish/sharhlash
2020-09-19 12:07:20 FAAADHAAN....................3....... DHIITA MIILLAA (XOOGIBOO) (ELEPHANTIASIS)!
***
Dhiiti miillaa kun kan dhufu, 'Paaraasaayitii' raammoo ‘Filaariyaa’ jedhamuun, kan bookee dhaltuudhaan namatti darbuun dhufa. Hidda ‘Liimfaatiksii’ jedhamu mancaasuun akka dhangala’aan (Lymph) ol hin deebine dhorka. Dhangala’aan kunis, luka irratti walitti qabamuun dhiita miillaa fida. Baay’inaan miilla irratti kan mul’atu yoo ta’u, harka irratti illee darbee darbee nii mul’ata.
MALLATTOON ISAA MAALI?
Mallattooleen dhibee kanaa, erga dhibee kanaan qabamanii booda yeroo dheeraa turuun kan dhufu yoo ta’u, akkuma dhibamaniin garuu mallattoleen mul’achuu danda’an:-
1. Ho’ina qaamaa,
2. Dhukkubbii gara qaama saalaa fi firii dhiiraa kan baatu (cidhaa),
3. Dhiita’uu xannacha kofa irraa ykn mudaamuddii fi kkf.
Yeroo dheeraa booda immoo mallattooleen mul’atanis:-
1. Dhiita’a garmalee kan miillaa, qaama saalaa fi kan harmaa,
2. Dhangala’aa adii karaa qaama saalaa ba’u,
3. Dhiita’uu tiruu fi
4. Dhiita’uu qaama ‘ispiliinii’ jedhamuu.
AKKAMITTIIN YAALAMA?
Yaaliin godhamu, guutummaa guutuutti dhiita’a uumame balleessaaf osoo hin taane, waanta dhibee kana fide yaaluun, babal’ina isaatiifi dhibee dhiita’a millaatiin wal qabatanii dhufan (fkn:- infekshinii) hir’isuuf nii gargaara.
1. Qoricha filariyasisii kana balleessu fudhachuun.
2. Marata kan lukatti maramu, dhiita sana hir’isuuf (bandaging),
3. Baqaqsanii yaaluun,
4. Yaalii ‘infekshinii’ uumamee ykn madaa uumamee qorichaa fi haalaan dhiqatanii qulqullina miilla ofii eeguun balaa dhibee kanaan dhufu hir’isuu.
AKKAMITTIIN ITTISUUN DANDA’AMA?
Bookeen akka iseen nu argattee dhibee kana nutti hin dabarsineef irraa of eeggachuun baay’ee barbaachisaadha.
1. Agoobara ‘net’ naannoo lafa ciisichaatti faayyadamuu,
2. Lafa bookeen itti wal-hortu ykn bishaan yeroo kuufamu yaasuun lafa bookeen itti walhortu balleessuu.
HUBANNOOF!
Namootni miilla qullaa lafa deeman illee dhiita miillaa qabaachuu nii danda’u. Garuu, kan dhiita miillaa kana fidu sababa keemikaala biyyoo keessatti argamuuni malee sababa dhibee bookeen namatti dabarsituun dhufu miti. Kunis, kophee godhachuun of irraa ittisuun nii danda’ama.
**************** . t.me/oromia_nation
FAYYAAN FAAYA
26 viewsAbdurhemanIbnukedir, 09:07
Ochish/sharhlash