Get Mystery Box with random crypto!

🧕🧕ADLI TUBE 👳👳

Telegram kanalining logotibi ifaa_addunyaa — 🧕🧕ADLI TUBE 👳👳 A
Telegram kanalining logotibi ifaa_addunyaa — 🧕🧕ADLI TUBE 👳👳
Kanal manzili: @ifaa_addunyaa
Toifalar: Kattalashtirilmagan
Til: Oʻzbek tili
Mamlakat: Oʻzbekiston
Obunachilar: 96
Kanalning ta’rifi

✔SEENAA SAHABOTA
✔ DAWAALEE GAGGABABO
✔ HADIISA
✔NASHIIDA HARAWA
✔TAFSIIRA QURANA
✔JECHOOTA GAGGARI
✔ISIN BIRAAN GENYA INSHA ALLAH ISIN CHANNEL KENYA OBBOLEWWAN KEESSANIF SHARE GODHA JZK..
@oromia_nation YAADAF @oromo_arsiibot
JOIN GODHA.

Ratings & Reviews

3.00

2 reviews

Reviews can be left only by registered users. All reviews are moderated by admins.

5 stars

1

4 stars

0

3 stars

0

2 stars

0

1 stars

1


Oxirgi xabar 3

2021-01-14 07:48:57
QOOSAA


Namichatu haadha manaa isaatiin

√Mee jecha bareedaa tokko natti dubbadhu jennaan ,isiinis


√Yaa bareedaa koo, jaalatamaa koo , leenca koo .....jettee faaruu itti roobsuu eegalte.


√ Innis deebisee "Ati carra qabeettiidha, daqiiqaawwan soddoma(30) asitti siqofatu hamma kana na faarse jeheen.

√ Tasa rifattee "ana malee nama kanaa olitti sifaarsutu jiraa????" Jetteen.


√Innis deebiseefii
.
.
.
.
.
.
.
.
.
.
.
.EEYYE reefuu yeroon rafaa turetti abjuudhaan #Huural_Eeyniin si fakkaattu takka kana caalaa na faarsaa turte. Ati eenyu jennaaniin "anuma haadha manaa teeti naan jette.
Lakki haati manaa tiyya na faarsuu hin beektu jennaaniin
.
.
."Amma deemii na faarsi jedhiin akka isiin sihin faarsine argitaa" naan jette.
√ kanaafan na faarsi siin jedhee

√Amma sibareera sumatu huural_eeynii naaf tahe "jedheen.


• Warri walfuutan wal faarsaa!!

Feetan seeqadhaa!! @Kennaapost. @Kennaapost
T.me/Kennaapost
30 viewsAbdii Biyyaa, 04:48
Ochish/sharhlash
2021-01-11 21:12:46 Assalaamu Aleeykum warahmatullaahi wabarakaatuhu
Chaanaalii babbareedaa kanneen join godhaa!!!
34 viewsAbdii Biyyaa, 18:12
Ochish/sharhlash
2020-11-19 23:42:32 LALLABADHE SITTI
DAFII KOOTTU NATTI


Gammoojjirraa ke'een
Cehee baddaa bahaa
Si millachuuf je'een
Harkka addarra kaa'a


Addeessi halkan qaba
Hargeessi hadha qaba
Kan si maleen beeynne
Onneen Koo maal qaba


Yuubaf guntuta Kee
Caayaf jala ciisu
Si dhabnnaan Mana Koo
Qorraaf galeen ciisu


Iji Koo ilaalee
Gamattin akeeku
Si malee abdadhee
Eenyuyyuun shariiku


Gar-tokkee qaama Koo
Na keessaa bubbifttaa
Dhahnnaa onnee Koo
Na keessaa shubbiftta


Waanin daaku dhabeen
Biyyee daakee marqaa
Waanin yaadu dhabeen
Sumaaf booyee harqa



Waadan ati dhaanttee
Onnee koorra jaartte
Seenan Kee ulfaattet
Onnee koorra saartte
Fageenyan dhabamttee
Gaara San uffatte
Fageenyaa deebi'uun
Atmaaf sitti ulffaatte


Nin deebi'a jettee
Mallaa Koo dhungattee
Kunoo hin deebine
Achumaan mulqamtte


An arras sin jaaladha
Akka duraa caalatti
Suuraa tee milladhee
Fannoo gidaararratti
Jiruu too mi'eeyfadhe
Akkuma shankooratti
Dabalee si jaaladha
Onnee kankoo irratti


Hin Turin naaf koottu
Torbaan laman qabaa
Yoon asiin du'e ammoo
Rabbiin si azabaa


Afaan jaalalaatu
Sitti na barreeyssaa
Shira jaalalaatu
Sitti na ajeeyssaa
Farra jaalalaatu
Sitti na odeeyssaa


Tanaaf je'ee duuba qaamnni kee
Si mee maalumaaf na dheeyssa
Anatuu sijalatee hunda keeyssa
Koottu Mee onnee toorra si caalchisa


Bishaanttu irra kutee
Wey marqi waa qallattee
Dheebun tee naan kuttee
Wey natti waa hanqattee


JOIN @hacefunny
JOIN @hacefunny
77 viewsFileebar Umaree, 20:42
Ochish/sharhlash
2020-11-18 11:08:58 SI__FAANAN__JIRA

Sirraa Adda Ba'ee
Hin Beeku Tasumaa
Ati Hin Beektu Malee
Ani Bar Sumaa


Obboroo Barii
Biiftuu Baatuu Kaasee
Hanga Galgalaa
Ati Nan Argituu
Ati Nan Hubattuu
Suma Faanan Oolaa
Bullukkoo Keen Maramee
Suma Faanan Bulaa


Gammachuuf Dhiyaadhee
Si Waliin Gammadee
Gaddaaf Hin Fagaadhuu
Maqaan Kee Maqaa Koo
Maqaa Kiyyaaf Maqaa
Tasumaa Hin Laadhuu


Madda Gammachuu Koo
Daawwitii Jabinaa
Hirkoo Gaafa Rakkoo
Lubbuun Koo Si Malee
Abdii Biraan Qabduu
Tasumaa Waan Tokkoo


Si Faanan Jira

Kophaa Ta'e Jettee
Gaafa Gadditu
Cinqiif Dhiphina
Gaafa Argitu
Gaafa Osoo Hin Rafin
Aduun Sitti Baatu
Gaafa Guyyaa Adiin
Sitti Dukkanooftu
Si Faanan Jira


Garuu/2/
Hin Dubbannee
Asan Jiran Jennee
Sittis Hin Mul'annee
Ta'us Guyyaa Tokkoo
Tasallee Tasumaa
Sirraa Addan Baanee


Gammachuu Keef Kolfee
Si Caala Gammadee
Gadda Keefis Boo'ee
Si Caalayyuu Gaddee
Si Faanan Jira


Kophaa Taateen Bektu
Kophaas Yoomuun Taatu
An Sifaanan Jiraa
Onnee Keerra Taa'ee
Maaqa Kee Hundattuu
Anat Dhiiga Hiraa


Sirraa Adda Ba'ee
Hin Beeku Tasumaa
Atin Beektu Malee
Ani Bar Sumaa


Sin Faanan Jira

Dhahannaa Onnee Kee
Anatu Lakkaa'aa
Gaaffii Kaastu Maraaf
Anat Deebii Ta'aa


Nama Gidduu Teessee
Gaafa Nama Dhabdu
Kophaan Jira Jettee
Yaadan Yeroo Baddu
Gubaan Keessa Keetii
Takkaa Si'ii Mitii
Ana Bar Kan Waaddu


Si Faanan Jira

Dadhabbii Kee Maraa
Si Waliin Dadhabee
Asoosama Jiruu
Si Waliin Katabee
Gaariif Yaraa Hundaa
Si Waliin Lallabee
Ani Bar Si Qabaa
Situu Ana Dhabee


Sirraa Adda Ba'ee
Hin Beeku Tasumaa
Ati Hin Beektu Malee
Ani Bar Sumaa


Si Faanan Jira

Gaddaaf Gammachuu Kee
Hundumaa Qooddadhee
Kolfaaf Imimmaan Kees
Si Faana Hunadhee


Kanaafuu Yaa Lubbuu/2/
Kophaan Jira Jettee
Tasumaa Hin Gaddin
Ergamaa Keeti An
Sirraa Hin Fagaannee Sirraas Hin Fagaadhu
Jira An Si Wajjin


Si Faanan Jira

Sirraa Adda Ba'ee
Hin Beeku Tasumaa
Atin Beektu Malee
Ani Bar Sumaa



@Kaachaalluu

JOIN @hacefunny
72 viewsFileebar Umaree, 08:08
Ochish/sharhlash
2020-11-16 03:32:58 Obbo Baqqalaa Garbaa mana hidhaatti dhukkubsachuudhaan
haala ulfaataa keessa jiraachuu Haatii warraa isaanii Aadde
Haannaa Raaggasaa OMN-tti himan.
Obbo Baqqalaa Garbaa dabalatee Jawar Mohammad fi
Haamzaa Booranaa akkasumas Shamsaddiin Xahaa mana
hidhaa Qaallittii bakka tokkotti hidhamanii kan jiran yoo ta'u,
haala fayyaa isaaniin wal qabsiisuun kanaan dura Manni murtii
waldhaansa fayyaa akka argachuu qaban ajajee ture. Haalli
fayyaa isaaniis kana dura haala gaariirra kan ture yoo ta'u,
yeroo ammaa kana garuu Obbo Baqqalaafi Obbo Jawaar
Mohammad haala nama yaaddessu keessa jiraachuu maatiin
isaanii OMN-tti himan.
Akka Aadde Haannaa Raggaasaa jedhanitti kaleessa haalli
fayyaa Obbo Baqqalaa Garbaa fi Jawaar Mohammad gaarii
ture. "Har'a yeroo maatiin akkuma yeroo kaaniitti nyaata
geessuun bakka sana deeman, Obbo Baqqalaa, Jaawarfi
Haamzaan nama isaan dubbisetti gad ba'anii dubbachuu hin
dandeenye." jechuun OMN-tti himan.
Miseensa maatii Obbo Jawaar keessaa tokko kan ta'e namni
kan biraanis akka yaada nuuf kenneen, "yeroo nyaataafi uffata
qabannee akkuma duriitti isaan dubbisuuf deemnu, kan gad
ba'ee nu haasofsiise Shamsaddiin Xahaa qofa ture. Innis
soorataafi uffata nurraa fudhachuu diduudhaan, 'ammatti
ogeessa fayyaa qofa barbaanna malee nyaata miti.' jechuun
Obbo Baqqalaa Garbaa haala ulfaataa keessa jiraachuu nutti
hime." jedha.
Obbo Baqqalaa waliin Jawaarifi Haamzaa dhukkubus, haalli
Obbo Baqqalaa keessa jiran ulfaataa ta'uu kan dubbatu namni
kun, "akka Shamsaddiin irraa odeeffannetti, Obbo Baqqalaa ol
jedhanii dhaabbachuu hin dandeenye. Ho'insi qaama isaanii ol
ka'uun, miilli isaaniillee dhiita'ee jira." jechuun OMN-tti hime.
Guyyaa kaleessaa Dookterri fayyaa akka seenuuf hayyamamus,
har'a yeroo Dookterri fayyaa dhufanitti bulchiinsi mana hidhaa
Qaallittii Dookteroota kana alatti ittisanis jedhu.
Kanaan dura Obbo Baqqalaa Garbaa ijisaanii dhukkubsachaa
kan ture yoo ta'u, yeroo ammaa kana garuu Obbo Baqqalaa,
Jawaarfi Hamzaa haala wal fakkaataatiin fayyaan isaanii
hubamee jira jechuun maatiin himaniiru.
#faanahaqaa
@faana_haqaa
@abdikedbot
40 viewsAbdurhemanIbnukedir, 00:32
Ochish/sharhlash
2020-11-16 03:14:06 WAAMICHA QEERROO OROMOO IRRAA
- - - - - - - - - - - - - - - - -- - - - - - - - - - -
Tokkummaan baanee hayyoota keenyaf haa birmannuu.
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
Mootummaan faashistii abbaa irree naafxanyaa hayyoota
Oromoo Jawar Mohammed fi Bekele Gerba fa'a hidhee dararaa
guddaa irraan gahaa jira. Leellistoonni sirna nafxanyaa
hayyoota Oromoo mana hidhaa keessatti rakkoo yeroon
walqabsiisanii achitti ajjeesudhaaf murteeffatanii jiru. Qeerron
Oromoo hayyoota Oromoo kan sabaaf jedhanii hidhaman
hanga mana hidhaa keessatti dhumanitti teenyee hin ilaallu.
Jawaar, Baqqalaa fi Hamzaan dhukkubsatanii rakkoo hamtuu
keessa jiru. Ummanni Oromoo salphina hamtuu keessa jirra.
Qeerron Oromoo akkuma kaleessa gaafa wayyaanen hayyoota
Oromoo hiite falmannee wareegama guddaa kaffaluun hidhaa
baafannetti hardhas hayyoota keenya hidhaa baafachuuf
murteeffanneerra.
Qeerron Oromoo falmaa hadhaawaa gochuuf waan
murteessineef ilmaan Oromoo guutummaa Oromiyaa
# Jimma
# Iluu
# Harargee
# Boorana
# Gujii
# Wallagga
# Walloo
# Shawaa
# Arsii
# Baalee baadiyyaa fi magaalaa Oromiyaa hunda keessatti
tokkummaan baanee falmaa isa dhumaa gochuun hayyoota
keenya baafachuun abbaa biyyummaa keenya akka
mirkaneeffannu Waamicha isiniif goona.
Qabsaa'ota Oromoo fi Jaal Nadhii Gammadaa akkuma dhabne
hardhas qabsaa'ota Oromoo dhabuuf deemna. Oromoo bakka
jirtuu dammaqii hayyoota kee hidhaa baafadhu.
#faanahaqaa
@faana_haqaa
@abdikedbot
35 viewsAbdurhemanIbnukedir, 00:14
Ochish/sharhlash
2020-11-15 11:55:40 Dejene Gutema
AMMEE!
Jawaar Mohammadii fi Obbo Baqqalee Garbaa
dhukkubsachuun dhagahame. Akka maddeen qabatamoo
Qaalittii irraa hubachuun danda'ametti Jawaarii fi Baqqaleen
yeroma tokkotti dhukkubsatan. Dhukkubni itti hammaannaan
doktora waamsifachuuf hayyama gaafatanii eega
hayyamameefii booda doktorri dhufee sa'aa lama guutuu
eegee ol galuu waan dhorkameef deemeera. Maatiin ganama
kana dhaqanii dubbisuuf yaalii godhanus Jawaaris tahee
Baqqaleen sababa dhukkubsachaa jiraniif gad bahanii
maatiidhaan wal arguu hin dandeenye. Hamzaa Booranaas
warri alatti dubbise akka himutti rakkoo qorichaan wal
qabateen fayyaan isaa gaarii akka hin taane ibsaa jiru. Dubbiin
Jawaarii fi Baqqalee idda takkatti dhukkubsachuu fi haakiima
dhorkamuu kun yaaddoo fi gaaffii guddaa kaasaa jira. Maatiin
jaraas dhiphuu hamaa keessa seenuutu ibsamaa jira.
36 viewsAbdurhemanIbnukedir, 08:55
Ochish/sharhlash
2020-11-03 18:15:34
Teessee shaggar qarree
biyya tufaa munaa
laphee koo na corta
akka suusii bunaa!

Gara jabeettiidha
fageenyi hin dachaatu
garaan suma yaada
Aduu dhiitee baatu!

Onneen si dheebotti
akka daadhii mootii
baay'een si jaaladha
ati lubbuu kooti!

Ishee koof,
Ajaalallee kee irraa!
Sin jaladha!


jettee barreessitee jalallee kee ishee ishee shaggar jiraattuuf message hin barreessineef taanaan jaalachuu kee nan shakka!

Br__. YOOSEN_GEETAHUN

JOIN @oroart
41 viewsFileebar Umaree, 15:15
Ochish/sharhlash
2020-11-03 18:12:58 BAAY'EEN JIBBA
-----------------------------
Gaaf walbaran waltuffachuu
Har'a arganii wal dhungachuu!


Aduu dhiite walbeellamuu
Osoo hin hubatiin dheekkamuu!


Shakkii jaalala keessaa
Hacuuccaa ilma hiyyeessaa!


Huccuun nama madaaluu
Hatanii nama ilaaluu!


Daree keessatti muguu
Humna ofiin ol dhuguu!


Jette jettee haasawuu
Dargaggummaan raata'uu!


Dargaggeessa gagamaa
Nyaata marqaa fi dhamaa!


Sirba Muluu Roobii
Ho'a mana moovii!!


BAAY'EEN JAALADHA
-------------------------------------

Hirriba barii gubbaa
Gara laafettii durbaa


Kopheef kaalsii qullaa'aa
Dhugaatii diilallaa'aa!


Dadhabanii boqachuu
Waanta haaraa barachuu!


Mushurraa morma lamaa
Jaalala ilma namaa!!


Haasawni dubbii qolaa
Hundarra natti tola!!

----------------------------
Hagayya 14, 2011
Ifargan Guddataatiin
Ambotti
------------------------------------

JOIN @hacefunny

4_COMMENT @fileebar18
40 viewsFileebar Umaree, 15:12
Ochish/sharhlash
2020-11-03 18:06:04 Channoloota babbarreedoo
37 viewsFileebar Umaree, 15:06
Ochish/sharhlash