Get Mystery Box with random crypto!

INNAALILLAAHI WA INNAA ILAYHI RAAJI'UUN! Godina Arsii Lixaa | Nuuralhudaa

INNAALILLAAHI WA INNAA ILAYHI RAAJI'UUN!

Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaa Ganda Leenca Waashaatti balaa Konkolaataa Muudateen Lubbuun Barsiisota Yuunivarsiitii Madda Walaabuu 20 olii dabruun dhagahame.

Makiinaan kun guyyaa kaleessaa May 20, 2023 Yuunivarsiitii Madda Walaabuu irraa Barsiisota 65 fe'ee imalaa kan ture yoo tahu, qilee Washaa irraa garagalee namoonni 20 ol du'anii heddu ammoo madaahuun beekame.

Barsiisonni kunniin yuunivarsiitii Madda Walaabuu kaampaasii Shaashamanneetti barsiisuuf imalaa osoo jiranii, Aanaa Adaabbaa gaara Washaa irraa makiinaan miliqee laga keessa bu'uun gaaga’amni hamaan kun dhaqqabuu dandahe.

Barsiisaan qartuu dhaloota dhufuuti. guyyaa tokkoon barsiistota 20 ol dhabuu jechuun hawaasa biyyattii guutuuf miidhama guddaadha. Maatii barsiistota du'anii hundaaf jajjabina hawwina.