Get Mystery Box with random crypto!

Akraarii fi Nama Hafuuraa ===================== 'akraarii' (ሐ | YESUS NI DHUFA

Akraarii fi Nama Hafuuraa
=====================

'akraarii' (ሐይማኖት አጥባቂ/ pious or piety)...afaan biraa waanan fayyadameef dhiifama jechaa asumaan afaan Oromootiin hiikasaa nuuf himaa.

Akraaronni amantaa kamuu keessa ni jiru. Akraaronni karaa sirrii hin taaneen amantaa ofiitiif warra mormuudha. Warri akkasii sirriis haa ta'u dogoggoras haa qabaatu amantaan isaanii akka tuqamu hin barbaadan. Dhugaa caalaa amantaa jaallatu.

Mee garaagarummaa akraarotaa fi nama hafuuraa gidduu jiru gabaabsinee haa ilaallu:

Namni hafuuraa dhugaadhaan masakama; shufeeriin nama akraarii konkolaachisu garuu miira isaati.

Namni hafuuraa waan gaafatame hundaaf deebii qaba; hidhii akraarotaa jala garuu summiitu jira. akraariin arrabaan lola.

namni hafuuraa ogeessa. waan itti amane sana fixeellee beekuu baatu hamma humna isaa bareechee beeka. beekumsi akraarotaa garuu qumxaa caalaa gabaabduudha.

namni hafuuraa amantiidhaan jiraata; akraaronni garuu amantaa malee amantii hin qaban.

namni amantii qabu waan ijaan hin mul'anne amana, namni amantaa qofaan dhaadatu (akraariin)ammoo miseensa dhaabbata amantaa(Religious organization) tokkoo qofa.

namni hafuuraa dhugaadhaaf jedhee du'a; akraaronni garuu sababii amantaan isaanii tuqameef hamma nama ajjeesuutti gahu.

diinni nama hafuuraa sobaafi abbaa sobaa(Seexana) qofa; diinni akraarotaa garuu nama yaada isaanii mormeedha.

namni hafuuraa sababaawaa(logical)dha; akraaronni garuu Doogimaatti amanu. Waaqarraayis haa buusu, lafa jalaayis haa burqisiisu waanuma abbaan amantaa isaanii jedhe osoo hin alanfatin liqimsu.

namni hafuuraa qeeqa ni fudhata, dogoggora ofii isaarraas ni barata; akraaronni garuu madaan isaanii yoo tuqame ni danfu, negative side isaaniitti yoo buute si jibbuuf sababa gahaa qabu.

Namni hafuuraa osoo jalqabuun isaa bakkeetti hin mul'atin xumuree milkaa'a; akraaronni garuu fuula namaatti mul'achuuf jecha "na argaa na argaa" baay'isu. xiyyeeffannoon isaanii alaan mudo-maleessa ta'anii mul'achuudha.

dameen nama hafuuraa kallattii baay'eetti faca'ee guddatee ija kenna. ofirraa hafanii nama biraaf ta'u; akraaronni garuu osuma qilleensaan garmaamanuu osoo hin guddatin hafu. Akraaronni ofiif hin ta'an nama biraas hin fayyadan maseenaa fi dheedhii ta'anii hafu.

Akraarii ta'uurra nama Hafuuraa haa taanu.

Obboleessa keenya Oliyaad Makuriyaati



============
J o i n & S h a r e
============

@MaranataYesuus
@MaranataYesuus
@MaranataYesuus