Get Mystery Box with random crypto!

#Imala_kaayyoo Gaafa manaa baatu san Tilmaamtee fuuldura kee | 🧕🧕ADLI TUBE 👳👳

#Imala_kaayyoo

Gaafa manaa baatu san
Tilmaamtee fuuldura kee
Abjuu hojiin dhugoomuuf
Qopheeffattee galaa kee
Nama taatee argamuuf
Jalqabdee adeemsa kee

Silas adeemsi hundi
Akka yaadan hin ta'u
Dafqaaf kutannoo malee
Imalli galma hin ga'u

Karaatti si mudata
Wanti yaada keen faallaa
Of duuba si deebisuuf
Siif qopheessuu sakaallaa

Yoos atimmoo nama ta'i
Nama kaayyoon adeemu
Nama bariif galgalas
Galma ga'uuf guungumu

Ati abdii sin kutachiisin
Sakaallaan karaa keessaa
Wareegamas kaffali
Waan sirraa eegamu aarsaa
Rabbii kee faana adeemi
Bakka yaadde ni geessaa!!!

Abdul-Aziz_Ahmeddiin
@kennaapost @kennaapost